Harawacha
Harawacha (Oromo: Harawaaca)
Harawacha
| |
---|---|
Town | |
Arauacia | |
![]() ![]() Harawacha Location in Ethiopia | |
Coordinates: 9°10′6.72″N 41°21′9.14″E | |
Country | ![]() |
Region | ![]() |
Zone | East Hararghe |
Woreda | Malka Balo |
Time zone | UTC+3 (EAT) |
Climate | Cwb |
Harawaaca : Akka seenaan Addeessutti Bara 1928 E.C keessa mootichi H/Sillaasee yeroo Aangootti dhufu namticha Maqaan isaa " ISXIFOO " jedhamu lafa harawaacaatti muuduun bara 1928-1935tti isxifoo kanaan bulaa turte.
Hundeeffama magaalattiitiin walqabatee ragaaleen adda addaa waan garagaraa kaasanii nuuf ibsu. Akka manguddoonni naannawa kanaa himanitti baroota 1900 E.C keessa angafoonni, Abbootiin-gosaa kan (Jaarsoo, ituu,Ala,Anniyya, Humbanna ) irraa walitti dhufan gaara booyiraa kan amma harawaaca gubbaatti argamu osoo darbaa jiranii achitti hara-galfatan, bakkichaas "HARAWAACA" Jechuun akka moggaasan dubbatama.
Magaalattiin Maqaa Kana osoo hin argatin garuu maqaa gosaa kan "Oborraa" jedhamuun waamamaa turuu seenaan nuuf hima.
Magaalaan tun Saboota Sablammoota biyyattii fi biyya Alaa of-keessatti hammattee jirti. Isaan keessaa Saboonni Akka Somaalee, Tigre, Amaaraa, Guraagee, Biyya Alaarraa immoo Turkoonni, Araboonni Yaman Akkasuma Misir Akka keessa jiraataa turan fii jiran beekkamaadha.
Amantiileen walqabsiisee Harawaaca keessa Amantii Gosa 4'tu jira isaaniis Musliima 60%, Ortodoksii 20%, Pheenxee 15%, Waaqeefftaa 5% Akka qabdu ragaan bulchiinsa magaalattii ni argisiisa.
Seenaa keessatti namoota jajjaboo hedduun kan badhaate harawaacni biyya hayyootaa fi beektota Akkasuma gootota baayyeeti.
Kutaa 2ffaan itti fufa...........
Barreessaan :
Aslam Samir (barataa yuniversiitii jimmaa )